Yaala Aadaa Kuush

Directions Website

Yaala Aadaa Kuush Yaanni kiyya Qoricha Aadaatiin hawaasa kiyya tajaajiluudha. Kaayyoon kiyya ;
Hawaasa keenya Qoricha Aadaatiin hamma beekuun tajaajilu.

27/10/2026
🌿🌱 BIQILTUU AADAA, BEKUMSA AADAA FI FAYYAA KEENYA! 🌱🌿Biqiltuu suuraa irratti argitan kana naannoo keessanitti yoo argatt...
25/10/2026

🌿🌱 BIQILTUU AADAA, BEKUMSA AADAA FI FAYYAA KEENYA! 🌱🌿

Biqiltuu suuraa irratti argitan kana naannoo keessanitti yoo argattan, waa’ee isaa sirriitti barachuun faayidaa isaa hubachuun barbaachisaa dha!

Biqiltuuwwan aadaa hedduun hawaasa keenya biratti yeroo dheeraaf beekamtii fi itti fayyadama qabu. Biqiltuu tokkoon tokkoon isaa garuu amaloota, faayidaalee fi of-eeggannoo mataa isaa qaba. Kanaafuu, biqiltuu kamiyyuu fayyadamuun dura maqaa isaa, akkamitti akka itti fayyadaman, faayidaa isaa fi miidhaa inni geessisuu danda’u sirriitti beekuun murteessaadha.

🌿 RAKKOO FAYYAA KEESSAN HUBACHUUF GARGAARSA BARBAADDUU?

Yaala Aadaa Kuush keessatti beekumsa aadaa, biqiltuuwwan naannoo keenyaa fi itti fayyadama isaanii irratti odeeffannoo argachuuf nu qunnamuu dandeessu.

Rakkoolee fayyaa kanneen akka:

- Rakkoo kalee fi ujummoo fincaanii;
- Rakkoo fayyaa sirna fincaanii;
- Rakkoo walhormaataa fi dhala argachuu irratti yaaddoo uumamu;
- Hanqina vitaaminii fi albuudota qaamaaf barbaachisoo ta’an;
- Rakkoolee fayyaa biroo.

Rakkoolee kanaaf qorannoo fayyaa fi gorsa ogeessaa argachuun barbaachisaa dha. Biqiltuu aadaa tokko fayyadamuun dura ogeessa fayyaa mariisisuun, keessumaa namoota qoricha biraa fudhatan, dubartoota ulfaa fi namoota dhukkuba kalee qaban, of-eeggannoo barbaachisaa dha.

🌱 YAAALA AADAA KUUSH — BEKUMSA AADAA FI TUMAATA FAYYAA

Odeeffannoo dabalataa, gorsa itti fayyadama biqiltuuwwan aadaa fi tajaajiloota keenya ilaalchisee nu qunnamuu dandeessu.

📍 TEESSOO KEENYA

1. Shaashamannee — Daandii gara Baalee geessu

Bakka karaa Abbaa “30” jedhamee beekamu, kallattii lixaatiin, Gamoo H/Kuyyuu Aynoo keessa argamna.

2. Shaashamannee — Awaashoo

Hoteela Hamilton fuuldura, daandii Kobilistoonii gara Masjiida Liimaan geessu irratti, gama harka bitaa argamna.

🕒 YEROO TAJAAJILAA

Guyyoota torban hundumaa, sa’aatii 24 guutuu (24/7) isin tajaajiluuf qophiidha.

📲 TELEGRAM KEENYA

Odeeffannoo dabalataa fi barreeffamoota keenya argachuuf chaanaalii Telegram keenya hordofaa:

https://t.me/yaalaAadaaKush

📱 WHATSAPP CHANNEL KEENYA

Odeeffannoo, beeksisa fi barreeffamoota haaraa keenya argachuuf chaanaalii WhatsApp keenya hordofaa:

https://whatsapp.com/channel/0029Vb5UB8sK5cD8wwhfcU2g

🎥 TIKTOK KEENYA

Viidiyoowwan keenya ilaaluuf nu hordofaa:

https://www.tiktok.com/

☎️ ODEEFFANNOO DABALATAAF NU QUNNAMAA

📞 090 931 6243

📞 092 879 5750

🌿 YAALA AADAA KUUSH — AADAA KEENYA BARANNA, BEKUMSA KEENYA GUDDISNA, FAYYAA KEENYA NI EEGGATNA!

❤️ Fayyaan faaya!

📢 Barreeffama kana namoota biroofis akka ga’uuf SHARE godhaa, LIKE godhaa, akkasumas hiriyoota keessan waliin qooddadhaa.

🙏 Galatoomaa!

YAALA AADAA KUUSH — AADAA KEENYA KUNUUNSUUN, BEKUMSA KEENYA TIKSUU DHA.

Faayidaa Hancuurraa/Bosoqqee/Kontoma/Bixxuu fayyaa namaatiif Qabu Akkaataa Fayyadama Isaa Wajjiin **********************...
14/10/2026

Faayidaa Hancuurraa/Bosoqqee/Kontoma/Bixxuu fayyaa namaatiif Qabu Akkaataa Fayyadama Isaa Wajjiin
*************************************

Biqilltuun kun biyyoota addunyaa kanneen akka Griik, Jarmaan, Jamaa'ikaa, Hindii, Chaayenaa, Arabootaafi biyyoota Afrikaa garii biratti ˝mootii qoricha aadaa˝ jedhamee beekkama. Maqaa "miracle leaf or leaf of life" 'biqila dinqii/baala raajii ykn biqiltuu jireenyaa' jedhanii yaamu. Kunis bu'aa biqilli kun ilmoo namaatiif kennu irra ka'anii maqaa kana kan laataniif.
▰▰▰▰▰▰

Biyya keenyatti hagas mara yoo leellifamu hin mudhatu. Waa'een isaa kan silaa kitaaba guddaa ta'uu malu barruu xiqqoo takkallee hin argamu. Dhugaan jirtu garuu biqila kana namni dallaa isaa keessaa qabu mana yaalaa ykn pharmacy tokko akka qabutti ilaallamuu qaba jechuu dandeenya. Bu'aa biqila kanaa fuula kana irratti maxxansee waan xumuru miti. Hanga ta'e tokko akeeka(clue) wohii isiniif himuu yaade malee
▰▰▰▰▰▰▰▰▰

Barumsa fayyaa Aadaa kana usuu hin baratin dura ijoollummaa kootti akaakayyuun koo biqiltuu Hancuurraa/bosoqqee jedhamu kanaan:▰
Lafee cabde ittiin sukkuumuuf, koomee babbaqaqe ittiin sirreessuuf gogaa qamaacaye ittiin qulqulleessuuf, dhukkubbii qoonqoo ittiin yaaluuf, morgaya xiixe/maashaa kontoonfate ykn micciirame ittiin diddiriirsuuf, gogaa jajjabaatu ittiin laaffisuuf, qufaa/difafa balleessuuf, Woraansa ykn quuqaa qaamaa ittiin yaaluuf, dhullaafi shufuroo ittiin dhoosuuf, xannacha ittiin dhoosuuf, ilkee ykn summii ittiin baasuuf, asmii/xiichaa ittin yaaluuf kan itti fayyadamu argaa guddadhe.

Nan yaadadha! Ijoollee ganda keenya wajjiin taanee akaakayyuu koo jalaa, baala inni namoota ittiin yaaluf qopheeffatu fuudhannee, wiixaa/migiraan qaawwa babbaafnee, gingilchaa gidhannee, biyyee ittiin gingilchaa bukeeffanna turre. Yeeroo sana biqilli kun worqii caalaa akka nama fayyadu hin beeknu kaa! Yeeroo ammaa naannawa sanaa tasuma lafarraa badee jira. Qorsoomaaf argachuun baayyee ulfaata.
▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰

Waan hawaasni afaaniin nutti dabarse kanaan dabalatatti barumsa faayyaa aadaa yoo baradhu baayyee na ajaa'ebe. Dhukkuboota gurguddaa kanneen akka dhukkuba onnee, tiruu, kaleefi kaansarii yaaluu isaa yoo baradhu "worqiin harka namaa jiru akkuma biyyeeti" kan jedhan dhugaa ta'uusaa mirkaneeffadhe. Kanaraa ka'ee hawaasni kiyya akka itti fayyadaamuuf waan arge, waan dhagaye, waan dubbiseefi waan baradhe irraa isiniif qoodee jira. Itti fayyadamaa!
▰▰▰▰

Faayidaa Hancuurraa/Bosoqqee/Kontomaa Muraasa.

1. Cirracha kaleef:▰hidda, jirmaafi baala biqila kanaa ibidda laafaa irratti danfisuun dhangala'aa isaa jalaa dhimbiibdanii(decoction) maankaa gurguddaa lama baafattu. Erga baafattanii damma maankaa tokko wajjiin ganama garaa duwwatti dhugdu. Galgalas akkasuma gootu.

2.Wal’aansa Madaa ▰ Baala isaa xiqqoo ho’isuun booda caccabsuun madaa irratti hidhu. Madaan dafee akka fayyu kan gargaaru yoo ta'u, madaa sanas ni dhabamsiisa.

3. Iita qaamaa, dhullaa, finniisa, ciniinnaa ilbiisotaa, qaama ibiddaan gubate yaaluuf:▰ baala isaa ibidda laafaa irratti hoo'isanii bakka jedhame kanattu hidhu. Guyyatti yeeroo lama akkas gootu.

4. Rakkoo fincaaniin wal-qabateef:▰ baalaaf hidda isaa bishaan xiqqoo itti cophsanii ibidda irratti danfisuun dhngala'aa maankaa lama jalaa baafatu. Damma maankaa tokko itti makani ganamaaf galgaka dhugu.

5. Dhiibbaa dhiigaaf:▰jirma bosoqqee jeedhaa keessaa maankaa xiqqoo takka takka cuunfatanii ganamaaf galgala dhugu.

6. Kaansarii dhiigaa:▰cuunfaa jirmaa irraa maankaa sukkaaraa takka takka ganamaaf galgala dhuguu.

7. Dhangala'aa qaama saalaa dubartii keessaa jiguufi jeeqamuu marsaa laguu dubartootaaf:▰ Hidda, jirmafi baala irraa wolitti funaananii ibidda laafaa irratti bishaan xinnoo wajji daqiiqaa 3—5 danfisu. Dhnagala'aa isaa maankaa 2 damma maankaa 1 waliin makanii garaa qullatti liqimsu. Guyyatti yeeroo lama.

8. Bowwoo mataa:▰ baala isaa xinnoo hoo'isaa, bulleessaa addattti/kallachatti dibadhaa

9. Garaa dhiiga albaasu:▰baala irraa cuunfaa isaa maankaa xiqqaa tokko qopheessuu, daakuu absuuda gurraachaa maankaa xiqqaa tikko itti makuu, dhadhaa baqe maankaa xiqqoo tokko itti makuun guyyatti yeeroo 3 fayyadamuu.

10.Kintaarotii:▰ hidda isaa cafaqanii bulleessuun, qullubbii adii kaachisaa tokko cafaqanii itti dabalu, damma maankaa tokkoo itti dabalanii bakka iitaan kintaarotii jirutti dibatu.

11. Gurra dhukkubu:▰hidda isaa hoo'isanii gurra ala irraan itti qabu, baala isaa cuunfanii gurratti cophsu.

12. Qorraa fi qufaaf:▰ hidda isaa ibidda laafaa irratti bishaan itti cophsanii danfisu. Dhama isaa maankaa gurguddaa lama jalaa baafatanii karameellaa adii naanaa jedhamu ykn sukkaaraa itti kuranii dhugu.

13. Dhukkuba garaafi marrumaaniif:▰ baala, jirmafi hidda wolitti qabanii ibidda laafaa irratti bishaan xinnoo wajji danfisu, dhama isaa maankaa gurguddaa lama baafatuun damma naakaa tokko fi dhadhaa baqfamaa maankaa xiqqaa tokko wajji liqimsu.

14.Dhukkuba Sukkaaraaf:▰baala, jirmafi hidda wolitti qabanii ibidda laafaa irratti bishaan xinnoo wajji danfisu, dhama isaa maankaa gurguddaa lama baafatuun ganamaaf galgala fayyadamtu ykn baala isaa gogsitanii akka shaayitti danfifattanii dhugdu.

15 Gogiinsa garaa:▰ baala isaa gogsitanii bulluussuun maankaa tokko tokko akka shaayitti ganamaf galgala danfifattanii dhugdu.

16. Summii adda addaa dhiiga keessaa qulqulleessuuf:▰baala isaa gogsitanii bulluussuun maankaa tokko tokko akka shaayitti ganamaf galgala danfifattanii dhugdu.

17. Madaa sharariitii/daarabaaftuu:▰baala jiidhaa cafaqaa bakka madaatti dibaa.

18. Koomee babbaqaquuf:▰baala isaa ibidda laafaa irratti hoo'isaa ittin sukkuumaa.

19. Caba lafee:▰baala isaa ibidda laafaa irratti hoo'isaa ittin sukkuumaa.

20 Qoonqoo dhukkubu/tonsilii:▰ hidda isaa bulleessanii funyaaniin ykn afaaniin cophsuu

21. Narvee, Riihii, maashaa kontoonfatee deemsa nama dhooggu▰ baala hiddaafi jirma ibifda laafaa irratti hoo'isanii ittiin sukkuumuu ykn dibuu.

22. Dhukkuboota sombaan walqabataniif:▰baalaaf hidda isaa gogsanii akka shaayotti danfifatanii ganamaaf galgala dhuguu.

23. Bareeduma gogaatiif▰ baala isaa ibidda laafaa irratti hoo'isanii cafaquun dhama isaa gogaatti dibachuu.

24. Madaa Garaachaa:▰baala isaa gogsitanii bulluussuun maankaa tokko tokko akka shaayitti ganamaf galgala danfifattanii dhugdu.
▰▰▰▰▰▰
▰▰▰▰▰▰

Biqilli kun dhuguma biqila raajiiti. Salphatti biqila. Qilleensa hin filatu. Eddoo badhaa hin barbaadu. Guddachuuf yeeroo dheeraa hin turu. Faayidaan isaa kana qofa miti. Dabalata isaa itti isiniif deebi'a.

Nama fayyada jettanii yoo yaaddan share namaaf godhaa.
Galatoomaa
Fayyaa keessan manuma keessanitti

Yaala Aadaa Kuush

Teessoo: Shaashamannee – Daandii Baalee irratti, bakka ‘30’ jedhamee beekamu
Tajaajila: Guyyoota torban hunda, sa’aatii 24
Tajaajila Adaamaa: Guyyaa Sanbataa lama qofa
Bilbila: +251928795750 /+251909316243
Telegram: https://t.me/kush_herbal
Facebook: https://www.facebook.comhttps://www.facebook.com/kuushHerbal


092 879 5750
0909316243

Biqiltuu kana qabda Taanaan Faarmaasii yokan Mana Qorichaa Cimaa Tokko qabda jechuudha dhukkuboota hedduu ittiin Of irra...
08/10/2026

Biqiltuu kana qabda Taanaan Faarmaasii yokan Mana Qorichaa Cimaa Tokko qabda jechuudha dhukkuboota hedduu ittiin Of irraa ittisuu fi yaaluufis si gargaaruu danda'a.a..

Massoobilaa yokan Kefoo.
Biqiltuu Suuraa irratti Mullatu kana Namni hin beekne tokko hin jiruu 👌 Maqaan isaa Akka kutaa Naannootiin Wal dhaba Ha Ta'uu Garuu Suuraa isaa qofa ilaalatanii adda baasuu dandeessuu, ingiliffaan (Sweet Basil), jedhamaa, Maqaa saayinsiin "Ocimum basilicum L." jedhamuun kan beekamu, yoo ta'u biqiltoota Urgeeyssitu Nyaataa fi Shaayii isa Beekkamaadha, bu'aa qorichaafi soorataa olaanaa qaban keessaa isa tokkodha. Qoricha aadaa keessatti waggoota kumaatamaaf kan itti fayyadamaa ture yoo ta'u, keessumaa sirna wal'aansaa durii kan akka yaala Aadaa indiyaa Ayurveda fi Chaayinaa yokan (TCM) keessatti dhukkuboota hedduu yaaluuf Tajaajilaa tureeraa.

Qorannoo Saayinsii fi yaala Aadaa irratti hundoofnee Barreeffama Insaayikilooppiidiyaa bal’aa kana keessatti Biqiltuu Kefoo ykn Massoobilaa, faayidaa fi itti fayyadama isaa gama hundaan bal’inaan kan ilaallu yoo ta’u, gahee inni dhukkuboota adda addaa yaaluuf qabu, mala itti fayyadama aadaa fi ammayyaa isaa, Guutummatti isiniif ibsina.
Obsaan yoo dubbistan faaydaa guddaa irraa Argattuu.

Faaydaa walii galaa biqiltuun kun fayyaa keenyaaf qabu.

Fayyaa kalee Cimsuu fi yaala Cirracha kalee yokan (Kidney Stones Treatment) keessatti ga'ee leencaa Qabaa.

Qabiyyee Uumamaa Cirracha kalee Xixiqqoo Cabsuuf gargaaranu Of keeysaa qabaa shaayii isaa Namoota Cirracha kalee yokan (Kidney Stones) qabanuuf Baayyee bu'aa isaa Qabatamaan Arginee jirraa.

Fincaan sirnaan Akka Dhangala'u t
(Diuretic) Taasisaa kunis Summii kalee keeysaa qulqulleessaa.

Farra Garaa Ciniinnaa yokan
Dhukkubbii garaa keeysaatii, Rakkoo Garaachaa (Stomach Cramps) irraa madduuf bu'aa qabaa.

Gaaza qilleensa gara keessatti Kuufamee Bokoka garaa fidu (Carminative Effect) hirrisuuf gargaaraa.

Rakkoo Mar'imaanii yokan (IBS ) dhaafis bu'aa qabaa

Nama Garaachi isaa nyaata bulleessuu dadhabeef Dawaadha.
Kefoon inzaayimoota bullaa'insa nyaataaf barbaachisanu akka maddu kan kakaasu yoo ta'u, kunis sochii garaachaa tolchuuf gargaara, Fayyaa Sirna Bullaa'insa nyaataa yokan (Digestive Health) Cimsaa, Namoota Garaachi jaraa Nyaata bulleessuu dadhabe yokan Rakkoo (Indigestion) qabanuuf Gaariidha.

Fayyaa Sirna hargansuu ykn (Respiratory Health) Cimsaa.
Shaayiin isaa Ujummoo Qilleensaan cufame banuuf Tajaajilaa kanaaf warra Asmii (Asthma) fikkf qabaniif Gaariidha.

Qabiyyee farra maaykiroobiyaanii kan of keessaa qabu yoo ta'u, dhukkubbii qoonqoo fi qorra ofirraa ittisuuf gargaaraa.

Fayyaa Onnee Cimsaa Ujummooleen dhiigaa akka hin dhiphanne waan Gargaaruuf dhibbaa dhiigaa gadi buusaa.

Biqiltuun Kefoo Hanga baayyina kolestiroolii miidhaa qabu yokan (LDL Cholesterol) dhiiga keessatti xiqqeessaa.

Qabiyyee "Antioxidants" Rakkoo Ujummoolee dhiigaa miidhaa geessisan ittisuu fi dhibee atherosclerosis irraa nama Eegu of keessaa qabaa.

Sochii antioksidaantii cimaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, dhukkuboota yeroo dheeraa Namarra turanu dhiphina oksijiinii wajjin walqabatan ittisuu keessatti faayidaa guddaa qabaa.

Madaa qaamaa Sababoota garaa garaaf Uumanu fayyisuu dandayaa sochii farra baakteeriyaa fi farra inflammatory ta’uu isaatiin madaan akka fayyu taasisa.

Madaa Afaanii fayyada.
Madaa Afaan keeysaa fi laagaa yokan Kokkee/Qoonqoo keeysaaf baayyee bu'aa qaba.

Mataa Bowwuu yaalaa, yaaddoo Fi dhiphina Sammuu ittisa.
Zayitii yokan bishaan Massoobilaa funyaanitti naquun Bowwuu mataa fi dhiphina Sammuu ittisaa.

Vitamin A fi Vitamin C waan qabuuf Dandeettii ittisa qaamaa cimsaa, fayyaa gogaa qaamaa ijaa dabalaa.

Pootaasiyeemii Olaanaa waan qabuuf Ol ka'insa Dhiibbaa dhiigaa ni to’ata, fayyaa onnee ni eegaa.

Maagniziyeemii waan qabuuf Dhiphina fi yaaddoo namarraa hir’isuun fayyaa maashaalee fi narvii ni fooyyessa.
Fayyaa Sammuu yaadachuu fi Xiinxaluu Sammuu keenyaa Cimsaa yokan (Brain & Cognitive Function).

Mataa Bowwuu yokan dhukkubbii mataa gama tokko qofaan nama dhukkubuuf Gaariidha.

Biqiltuu Kefoo yookaan Massoobilaan Qabiyyee fayyaa ilmaan namaatiif barbaachisanu zayitota barbaachisaa fi kompaawundoota sochii Baayoloojii qaban kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis (Eugenol) Fi (Linalool), (Eucalyptol), (Estragole), (Geraniol)
kan dabalatudha.

Qabiyyee Keemikaalaa:

Biqiltuun Kefoo kompaawundoota bal’aa sochii fi amaloota wal’aansaa qaban kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis Dandeettii dhukkuboota ittisuu fi yaaluu isaaf kennuu, isaan keessaa kanneen barbaachisoo ta’an Armaan gaditti isniif ibsineerraa: 👇

1.Qabiyyee (Essential Oils)
Zayitoota Urgeeyssitu Barbaachisoo kan Akka
(Eugenol) Of keeysaa qabaa Qabiyyeen kun Antioxidant, farra inflammatory, fi dhukkubbii uumamaaHidrisaa.

2. Qabiyyee (Linalool):
Narviidhaaf Tasgabbii kenna, akkasumas farra yaaddoo fi farra dhiphina sammuu ta'ee tajaajilaa.

3. Qabiyyee (Eucalyptol):
Qabiyyeen kun farra Baakteeriyaa fi fangasii farra Vaayireesii Cimaadha Rakkoo Sirna hargansuutiif bu'aa guddaa qabaa.

4. Qabiyyee (Estragole):
Qabiyyeen kun Foolii gaarii biqiltuu Kanaaf kenna Akkasumas Sirna Bullaa'insa soorataa irratti Garaacha Deeggaraa.

5. Qabiyyee (Geraniol):
Farra Baakteeriyaa fi fangasii yoo ta'u Qulqullina qaamaa fi miidhagina gogaa qaamaa dabaluuf Tajaajilaa.

2. Kompaawundoota Feenoolikii

Qabiyyee Asiidii (Caffeic Acid) fi (Rosmarinic Acid) farra Antioxidant Cimaa yoo Ta'anu Seeliin qaama keenyaa Dhukkubootaa fi kkf Akka hin miidhamne Taasisuu keessatti ga'ee Olaanaa qabuu.

Qabiyyee (Flavonoids) fi (Apigenin) fi (Quercetin) Biqiltuu kana Keessatti Argamanu Dandeettii dhukkuboota ofirraa ittisuu qaamaa dachaan ol Guddisuu, Bu'aa farra inflammatory Cimaa qaba dhukkubbii qaamaa hirrisaa.

Qorannoon "BMC Complement. Altern. Med" Akka Agarsiisuutti Biqiltuun kun Farra Baakteeriyaa "E. coli" yoo ta'u Baakteeriyaan kun nyaata Nyaata gara summii tti jijjiiruu fi dhukkuba garaachaa namatti fiduu danda'udha. Farra Baakteeriyaa "Staphylococcus aureus" Yoo ta'u Baakteeriyaa ku infekshinii hedduu kan akka infekshinii gogaa, summii dhiigaa fi infekshinii qaamolee keessoo kan namatti fidudhaa Kefoon kana namarraa ittisaa.

Yaala Aadaa Kuush follow godhaa

Teessoo:
Yaala Aadaa Kuush

– Daandii gara baalee geessu Bakka karaa Abbaa ‘30’ jedhamee beekamu kallattiin lixaatiin Gamoo H/ Kuyyuu Aynoo keessaatti Argamna.
Tajaajila: Guyyoota torban hundaa sa’aatii 7/24 nu argattuu.

- Naannawa 105 jedhamuun beekamu.
Torbaanitti Guyyaa Sanbataa fi. Dilbataa qofa nu argattu.

Yaala Aadaa Kuush follow godhaa

Karaa telegrama nuhordofuuf
https://t.me/yaalaAadaaKush
https://t.me/yaalaAadaaKush

Channel what's App keenyaan nu hordofuuf
https://whatsapp.com/channel/0029Vb5UB8sK5cD8wwhfcU2g

TikTok Nu hordofuuf
tiktok.com/
tiktok.com/

Odeeffannoo dabalataatiif
090 931 6243
0928795750
Mana Qoricha Aadaa Kuush
fayyaan faaya.
Share Like Godhaa

07/10/2026

Dinqiidha

YAALA AADAA BU’UURA SAAYINSII QABUDhukkuba wajjiin waggaa dheeraa jiraachaa jirtaa? Qoricha gara garaa yaaltee, garuu ra...
05/10/2026

YAALA AADAA BU’UURA SAAYINSII QABU

Dhukkuba wajjiin waggaa dheeraa jiraachaa jirtaa? Qoricha gara garaa yaaltee, garuu rakkoon kee ammallee siif hin furamnee?

Rakkoo fayyaa kamiyyuu keessatti, qoricha qofa barbaaduu dura, sababaa fi maalummaa rakkoo sanaa sirriitti hubachuun murteessaadha.

Wiirtuun Yaala Aadaa Kuush beekumsa yaala aadaa fi beekumsa fayyaa ammayyaa walitti fiduun, qorannoo barbaachisaa irratti hundaa’uun tajaajila fayyaa kennuuf hojjechaa jira.

TAJAAJILOOTA IJOO KEENYA

1. Dhibee Tiruu fi Sirna Bullaa’insa Nyaataa

Hepatitis B fi C
Tiruu coomaa (Fatty liver)
H. pylori fi madaa garaachaa
Rakkoolee garaachaa, mar’umaanii fi hadhooftuu

2. Dhibee Kalee fi Sirna Fincaanii

Cirracha kalee
UTI
Rakkoolee piroostaatii
Rakkoolee sirna fincaanii

3. Dhibee Gogaa fi Rifeensaa

Eczema
Psoriasis
Vitiligo
Infeekshinii fangasii fi rakkoolee rifeensaa

4. Dhibee Sirna Hargansuu

Asmii
Qufaa yeroo dheeraa
Rakkoolee sombaa fi funyaanii

5. Fayyaa Wal-hormaataa

Rakkoolee walqunnamtii saalaa dhiiraa
Dhala dhabuu dhiiraa fi dubartii
Rakkoolee laguu fi fayyaa gadaameessaa

6. Dhibee Teessumaa

Kiintaarotii
Baqaqu teessumaa
Feestullaa

7. Dhibee Onnee fi Sirna Dhiigaa

Dhiibbaa dhiigaa
Rakkoolee onnee fi sirna dhiigaa

8. Dhibee Sammuu fi Sirna Narvii

Gaggabdoo (Epilepsy)
Rakkoolee yaadachuu fi dandeettii sammuu

AKKAATAA TAJAAJILA KEENYAA

Qoricha kennuu dura, haala fayyaa nama dhuunfaa irratti hundaa’uun qorannoo barbaachisaa ni taasifna.

Yeroo barbaachisutti qorannoowwan laaboraatorii, ultrasound fi qorannoowwan biroo fayyadamuun maalummaa rakkoo fayyaa adda baasuuf ni hojjetama.

Qorichoonni uumamaa keenya beekumsa Pharmacognosy fi muuxannoo qoricha aadaa irratti hundaa’uun qophaa’u. Akkaataa itti fayyadamaa fi hamma itti fayyadamuu irratti qajeelfamni barbaachisaan ni kennama.

QAAMAAN NU BIRA GA’UU HIN DANDEENYAA?

Rakkoo miti.

Qaamaan gara Wiirtuu Yaala Aadaa Kuush dhufuu yoo dadhabdan, karaa bilbilaa nu qunnamuu dandeessu. Tajaajila keenya argachuu fi qoricha isin barbaaddan bakka jirtanitti erguu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa nu irraa argachuu dandeessu.

TEESSOO KEENYA

Shaashamannee, Oromiyaa
Karaa Ba’insa Baalee, Naannoo 30

QUNNAMTII

0928795750
0909316243

WIIRTUU YAALA AADAA KUUSH

Beekumsa yaala aadaa fi hubannoo saayinsii fayyaa walitti fiduun, tajaajila fayyaa kennuuf hojjechaa jirra.

Barreeffama kana nama tajaajila fayyaa barbaadu tokko biraan ga’uuf share godhi. Odeeffannoo dabalataa argachuufis nu hordofi.

Rakkoo kee commentii jala kaayi

02/10/2026

Maal balleessee laata?

Address

Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yaala Aadaa Kuush posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Nearby health & beauty businesses