06/08/2026
🩺 Fayyummaa Kalee Keenyaa Akkamitti Eeggachuu Dandeenya?
1️⃣ Walqunnamtii saalaa booda fincaan fincaanuu.
2️⃣ Soogidda (ashaboo) guyyaatti hamma 2–3g qofa fayyadamuu; kana ol baay'isuu irraa of qusachuu.
3️⃣ Guyyaatti bishaan gahaa, jechuun 1.5–2 liitira, dhuguu. 💧
4️⃣ Fincaan qabatanii yeroo dheeraa turuu dhiisuu.
5️⃣ Sosochii qaamaa (ispoortii) yeroo hunda gochuu. 🚶🏃
6️⃣ Qorichoota dhukkubbii hir'isan (painkillers) fi qorichoota biroo ajaja ogeessa fayyaa malee fayyadamuu dhiisuu. 💊
7️⃣ Sukkaara guyyaatti fayyadamnu hamma 25–28g caaluu dhiisuu.
8️⃣ Yeroo mana fincaanii dhaqan bishaaniin qulqulleeffachuu; keessumaa dubartoonni harka isaanii fuulduraa gara duubaatti sochoosuun qulqulleessuu qabu.
9️⃣ Dhiibbaa dhiigaa fi sukkaara dhiigaa yeroo yerootti qorachiisuu. 🩸
🔟 Tamboo xuuxuu fi alkoolii baay'inaan dhuguu irraa of qusachuu. 🚭🍺
1️⃣1️⃣ Nyaata madaalawaa, muduraa fi kuduraa hedduu of keessatti qabu soorachuu. 🥗🍎
1️⃣2️⃣ Ulfaatina qaamaa sirrii eegachuu.
1️⃣3️⃣ Yoo fincaan keessatti dhiigni mul'ate, dhukkubbiin cimaan mudate, yookaan miilli fi fuulli iitan, saffisaan dhaabbata fayyaa deemanii qorannoo gochuu. 🏥
1️⃣4️⃣ Namoonni dhiibbaa dhiigaa, sukkaara, yookaan dhukkuba kalee qaban qorannoo hojii kalee yeroo yerootti taasifachuu qabu.
1️⃣5️⃣ Qoricha aadaa yookaan qoricha kamiyyuu osoo ogeessa fayyaa hin mari'atin fayyadamuu irraa of eegii.
💚 Kalee kee eegi; fayyaan kee jireenya kee ti!