06/09/2026
KUNUUNSA DUBARTII/HAADHOOLII ULFAAF GODHAMUU QABU!!!!
****--**-****---*********
Kunuunsi daa'imaaf godhamu gadameessa haadhaa keessaa kaasee akka eegaluu meeqa keenyatuu beeka?
Daa'ima fayya qabeessa argachuufis ta'ee fayyaa haadhatiif kunuunsi yeroo ulfaa godhamu baayyee murteessadha. Mee isaan keessaa muraasa isaanii yaa ilaallu:-
1. Akkuma ulfa ta'uu shakkineen mana yaalaa deemun ilaalamuu. Yoo ulfa ta'uu beekkame hordooffii ulfaa eegaluu fi qorannoo barbaachisaadha jedhamee ogeessi fayyaa keessan isinii ajaje gochuu. Vaayitaminii garagaraa fi albuudota akka ayiranii kan yeroo ulfaa baayyee barbaachisanii fi kennaman sirnan fudhachuu.
2. Nyaata madaalama ta'e nyaachuu, nyaanni fayyaa haadhaa fi daa'imaatifis baayyee murteessadha. Keessattuu, nyaanni akka muduraa fi kuduraa ta'an baayyee filatamoodha. Nyaata yeroo nyaattan xixxiqeesaanii, guyyatti al 5 fi sanii ol yoo ta'e filatamaadha.
Foon dheedhii, hanqaaquu fi kkf osoo hin bilcheessin, aannan osoo hin daffissin, nyaachuu ykn dhuguu hin qaban.
3. Bishaan gahaa dhuguu; dubartootni yeroo ulfaa dhangala'aa kan yeroo ulfa hin taane caalaa barbaaduu.
4,Tamboo aarsuu hin qaban ykn naannoo namni tamboo aarsuu jiraachuu hin qaban/ nama tamboo aarsuu irraa fagaachuu.
5,Alkoolii dhuguu fi araada biroos fayyadamuu hin qaban
6,Hirriba gahaa rafuu; yeroo kanatti sa'a 7-9 yoo rafan ni gorfama.
7, Sochii qaamaa gochuu: dubartootni ulfaa haalli isaan dangeessu yoo hin jiraatin, sossochii xixxiqqaa kan akka deemsaa lukaa, daakka bishaanii guyyatti daqiqaa 30f fa'a gochuun ni gorfamu
8,,Dhiphina hir'isuu fi hariiroo gaarii abbaa manaa ykn maatii waliin qabaachuu
9, Yoo mallattoon akka dhukkubbii mataa hamaa,, lafti namaan maruu, ijji namatti dimimmise ykn ilaaluu dadhabde, dhukkubbii laphee ykn garaa, dhiigni ykn dhangala'an qaama saalaan yoo bahee, hoo'i qaamaa yoo dabale, Olguursisuu fi haqqisiisuu hamaa ta'e, Sochiin daa'imaa yoo hir'ate ykn dhabame, Hammi fincaanii yoo hir'ate ykn yoo fincaa'an kan nama gub